Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Sabboontota Oromoo Biyya Ollaatti Hidhuufi Hiraarsuun Itti Fufe.

(Madda Oduu ABO MOA, 07 Guraandhala 2010) Baqattoota Oromoo biyyoota olla Oromiyaa jiranitti miidhaafi roorroon hammaachaa jiraachuun gabaasamaa jira.

Maddeen keenya odeessa nuuf dabarsaa jiran irraa akka hubatamutti, torbaan darbe kana gaafa 02/04/2010 guyyaa irraa yeroo sa’a jahaa irratti baqataafii sabboonaa Oromoo Ob Abdii Mohamed Adam je’amu hidhattoota taliiga Hargessaatiin ukkaamsamee dhabamsiisamee jira.

Odeessi gama biraatiin nu gahe akka dabalee addeessutti, Abdii Mahaammad Hargeessaa bakka Jijjigaa Yer ja’amutti hidhattooti itti marsuun dhukaasa itti bananii qabanii dhabamsiisanii jiran.

Abba ilmaan afurii Abdii Maammad  Adam Hargeessaa keessa bara 12 oliif jiraataa jiru, yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti  qabamee bakki geeessame  hin beekkamiin jira.

Kan biraa namni maqaan isaa Musxafee jedhamus waytuma kana qabamee tumamee harki isaa kan cabe yoo ta’u, moobaayilli isaas irraa fudhatamee akka jiru dhagahameera.

Musxafaan yeroof osoo qabamee hidhattoota waliin deemaa jiruu, Soomaaloonni isaa beekan waan irraa buusaniif,   akkasitti duraa baafate jiraatus, jireenya isaa egereef haalli naannoo sanaa abdachiisaa akka hinta’iin odeessa nu dhaqqabe irraa hubatameera.

Sabboontoti Oromoo naannoo sana irraa dhaamsa dabarfataniin, Abdii Mahaammad ukkaamsuufi hidhuun duuba gara mootummaa wayyaaneetti kennuun daraaraa olaanaaf akka saaxil hin baasneef qaama dhimmi ilaallatutti akka  isaaniif iyyatamu dhaammatanii jiru. Yeroo ammaa kanattis namoota biraa lama kanneen maqaan isaanii yeroodhaaf hin baramiin qabamanii akka jiran beekameera.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net